Hidhattoonni Al-shabaab Dirree Xayyaaraa Somaaliyaa Waraani Ameerikaa Itti Fayyadamu Halleelan

Hidhattoonni Al-shabaab Dirree Xayyaaraa Somaaliyaa Waraani Ameerikaa Itti Fayyadamu Halleelan

(Suuraa faayilii)

Hidhattoonni Al-shabaab, dirree xayyaaraa waraanni Yunaayitid Isteetis, kan humnoota Somaaliyaa gargaaraa jiru itti fayyadamu irratti haleellaa banan.

Dirree xayyaaraa Baalii Doogalee, kan kutaa Shabalee gara Gad-jallaa keessatti argamutti kallattii lamaan dhokaatota konkolaatotatti guutaman itti dhoosan. Magaalaa Moqdishoo irraa gara kiiloo-meetira 90 irratti kan argamu – dirree xayyaaraa kanatti namni dhihoo jiraatu, sagalee dho’insaa lama dhaga’uu isaa dubbata.

Halellaalee maadhee sana sochoosaniif, Al-shabaab itti gaafatama fudhatee, lolli ammallee akka itti fufee jiru dubbate.

Raadiyoon waraana biyyaalessaa Somaaliyaa immoo, oduu fuula Tiwiiterii isaa irratti maxxanseen, hidhattoonni fiinxaaleyyii mooraa sanaa alatti dhoosan – jechuudhaan, akka loltootoonni mootummaa Somaaliyaa fi waahiloonni isaa Yunaayitid Isteetis haleellaa sana of irraa deebisan dubbate.

Somaaliyaatti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis haleellicha balaaleffatee, tarkaanfii “humnoonni nageenyaa Somaaliyaa fudhatan” jedhu immoo faarsee jira.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.