Magaalaan Asallaafi Sabbataa manneen barnootaa Afaan Oromootiin hin barsiifne irraa eeyyama fudhachuuf

Magaalaan Asallaafi Sabbataa manneen barnootaa Afaan Oromootiin hin barsiifne irraa eeyyama fudhachuuf

DURAAN ESSA URTANNII?

Magaalaan guddoo Godina Arsii, Asallaafi magaalaan Godina Addaa Naannawa Finfinnee, Sabbataan manneen barnootaa Afaan Oromootiin hin barsiifne irratti murtii dabarsan.

Magaalaan Asallaa A.L.I bara 2012 irraa eegalee manneen barnootaa Afaan Oromootiin hin barsiifne irraa eeyyamni akka dhorkamu qondaalli barnootaa magaalattii BBC’tti himaniiru.

”Afaan Oromoo barsiisuu irratti sababa adda addaa baay’isani. Bara kana immoo sababni kuni hin ta’uudha,” jedhan Bakka bu’aan itti gaafatamaa waajjirichaa Obbo Tasfaayee Habtee.

Akka qondaalli kuni jedhanitti oolmaa daa’immanii magaalaa Asallaa jiran 31 keessaa 19 qofatu Afaan Oromoon barsiisaa jiru.

Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 23 keessaa 11 immoo Afaan Oromootiin barsiisaa jiru. Kanneen hafan bara 2012 irraa eegale afaan Oromootiin hin barsiisan taanaan eeyyamni isaanii akka haqamu himan.

Manneen barnootaa Afaan Oromoon eegalan kunneenis carraaqqii waggoota 3’n darban taasifameeni jedhameera.

”Namni Afaan dhalootaatin barachuu qaba. Baay’een isaanii Afaan Amaaraan waan barsiisanif hawaasni filannoo hin qabu. Kanaaf sirraa’uu qaba jenne,” jedhan Obbo Tasfaayen.

Murteen magaalli kuni murteesse manneen barnootaa Afaan Amaaraan gosa barnootaa hunda barsiisan akka dhiisan osoo hin taane biratti Afaan Oromoon akka eegalaniifi.

Yoo kuni ta’uudhaa baate eeyyamni waan irraa fudhatamuuf inni Afaan Amaaraan baratanis walumaan dhorkama.

Manneen barnootaa waliin marii taasifameenis ”Afaan Oromootiin yoo banne ummanni ni fayyadama. Nama baay’ees arganna,” jedhaniiru jedhan qondaalli kuni. Deeggarsas akka taasisan himan.

Murtee magaalaa Sabbataa

Gama kaaniin, Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa magaalaa Sabbataa immoo mana barnootaa barattoota kutaa saddeetii dhoksaan barana Finfinnee geesee qore jedhame harkaa eeyyama fuudheera.

Manni barumsaa Eevarast jedhamu waggaa darbeefi barana akeekkachiifni dhumaa itti kennamus waan fudhachuu dideef kun murtaa’uu isaa hogganaan waajjirichaa Obbo Masfin Lammaa BBC’tti himaniiru.

Eeyyamni kan harkaa fudhatame KG – kutaa 8ffaa ta’uu himanii, kan kutaa 9 – 12 garuu eeyyamni akkuma itti jiru himaniiru. Mana barumsaa kanatti barattoonni 2,500 barataa turan.

Magaalaa Sabbataa keessatti manneen barnootaa oolmaa daa’immanii 125 jiran keessaa kan Afaan Oromoon barsiisan 10 hin caalani jedhan Obbo Masfin.

Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 75 adda bahe keessaa 26 qofa Afaan Oromoon akka barsiisanis himameera.

”Manni barumsaa sirna barnootaa keenyatti hin deebine Sabbata keessa jiraachuu hin qabu” kan jedhan Obbo Masfin waggaa dhufu irraa eegalee kanneen qajeelfama hin eegin irratti murtiin darbeera.

”Qajeelfama naannoo keenyaa hojiirra osoo hin oolchiin, afaan keenyas barsiisuudhaaf qophaa’ummaa kan hin qabne tarkaanfii fudhachuudhaaf qophii qabna,” jedhan.

Yeroo ammaa manneen barnootaa Afaan Oromootiin hin barsiifneef ‘akeekkachiifni xumuraa kennameefii jira’ kan jedhan yoo ta’u yoo qajeelfama eeguu baatan eeyyama akka fuudhanis himaniiru.

Manneen barnootaa Sabbataatti akeekkachiifni kennameef kunniin, Afaan oromoo barsiisuu dhabuun alatti, qajeelfama eeguu dhabuu, istaandaardii barnootaa hordofuuu dhabuufi namoota oogummaa hin qabneen barumsa kennuu isaaniiti.

Immaammati barnootaa haaraa Ministeera barnootaan dhihoo erga ifa ta’e booda dhimmi Afaan dhalootaafi Afaan kaan manneen barnootaa hordofuu qaban ijoo dubbii ta’eera.

Akka imaammata haaraatti manneen barnootaa kutaa 3 eegale Afaan Amaaraan barsiisuu eegalu. Ta’us, kuni akka hin murtoofne qondaalli olaanaa Ministeera Barnootaa BBC’tti himaniiru.

Hayyuun kaarikulamii barnootaa immoo daa’imman kutaa gadii irraa eegale afaan lama olin barachuun rakkoo akka isaan seensisu himu.

Kanumaan walqabatee Naannoon Tigraay inni kana dura kutaa sadii irraa eegale Afaan Amaaraa baratamu kutaa torba irraa akka ta’u gaafateera.

Torban kana keessa konfiransiin barnootaa magaalaa Jigjigaatti kan taa’amu yoo ta’u dhimmi ijoo dubbii ta’e kuni irratti mari’atama jedhamee eegama.