Mootummaan bu’uura seeraa kamiin intarneetii cufa?

Mootummaan bu’uura seeraa kamiin intarneetii cufa?

Ministirri muummichaa Dr. Abiy Ahimad ibsa gaazexeessitootaaf Kamise darbe kennan irratti lubbuu namootaafi qabeenya miidhaa qaqqabuu malurraa baraaruuf barbaachisaa ta’ee hanga argametti intarneetiin torbaniif osoo hin taane achumaan cufamee hafuullee ni danda’a jechuun dubbatanii turan.

(bbcafaanoromoo)—Mootummaan bu’uura seera akkamiitiin intarneetii cufa jechuudhaan ogeessa seeraa Obbo Misgaanaawu Mulugeetaa gaafanneerra.

Obbo Misgaawu akka jedhanitti, yoo akkaataa seerawwan mirgoota namoomaatiinis ta’e heera mootummaatiin kan ilaallu ta’e, mootummaan nageenya biyyaa eegsisuuf jecha tarkaanfiiwwan akkasii fudhachuu ni danda’a.

Dhaabbata Foorchuun 500 Giloobaal jedhamu keessatti Manaajera Tekinoolojii ta’uudhaan kan hojjetaa jiru Obbo Salamoon Kaasaa gama isaaniitiin, dubbii ministirri muummichaa dhimma intarnaatii irrattie dubbatan sirriidha jedhan.

Akka nama aangoorra jiruutti nageenyaafi tasgabbii ummataa eegsisuuf itti gaafatamummaan irra jiru tokkootti miidhaa odeeffannoon Feesbuukiirratti gadhiifaman xiyyeeffannoo itti kennanii ilaaluun isaanii kan eegamuufi kanuma ta’uu maludha jedha ogeessa seeraa kun.

Mootummoon maaliif interneetii cufuu?

Biyya keenyatti waggoota darban keessa irra deddeebiin intarneetiin cufamuun mul’ate, mootummmaan karaa ittiin lammileen odeeffannoo argatan to’achuu seeraan ala itti fayyadame ta’ee ture jedhu Obbo Misgaanaawu.

Kutaa addunyaa gara garaa keessatti mootonni interneetii addaan kutan, yaadawwan isaaniin falman.qeeqan akka bilisaan hin daddabarre dhorkuudhaaf karaa ittiin ittisan godhachuun dhimma ba’u komiin jedhu isaanirratti ni ka’a.

Obbo Salamoonis interneetii addaan kutuun guutummaa addunyaarratti baramaa kan dhufedha jechuudhaan yaada ogeessa seeraa Obbo Misgaanwu deggara.

Kanaaf sababiin maalidha kan jedhuuf ammoo qorannoowwan gaggeeffaman heeruudhaan, mootummaan siyaasaafi odeeffannoo to’achuu isa jalatti akka ta’u ykn adeemsi siyaasaa akkaataa inni barbaaduun akka ta’u waan barduuf jedha.

Mootonni intarneetii kan cufne rakkoowwan uumaman sirreessuufi to’achuuf jedhanii sababa dhiyeesan dhugaa qabaatullee, qorannoowwan akka agarsiisanitti garuu kun ittiin qabannaa akka ta’edha jedha Obbo Salamoon.

Intarneetiin jijjiirama siyaasaatiif hojiirra kan oole bara 2010 keessa Warraaqsa Arabaa ta’uu isaa yaadachuun, “isaan booda mootummoonni dhimmi dammaqinsaan hordofan intarneetiidha,” jedha.

Qorannoo dhimma kanarratti gaggeeffame eeruudhaan Warraaqasa Arabaatiin booda biyyoota 40 ol keessatti intarneetiin si’a 400 ol cufamuu isaanii ragaa dhiyeessa.

Obbo Misgaanaawu gama isaatiin fuula duratti filannoon dhufaa jiraachuufi gaaffiin Sidaamaa naannoo ta’uu rifarandamiin yeroo dhiyootti akka ta’u yaadachuun, “haala siyaasaa yeroo ammaa keessa jirruun haala danda’ameen yaadawwan sirriitti akka nannaa’an gochuudhaan yaadawwan isaan dura dhaabbachuuf dhiyaatan dadhabaa akka deeman mala gochuu fayyadamuutu nu baasa,” jedhe.

Mataa dhukkubbii biyyoota addnuyaa

Ergaawwan kan akka biyya keenya keessatti mul’ateefi Feesbuukiirratti bal’inaan tatamsa’uudhaan akka walitti bu’insi dhalatu taasisan kan Itoophiyaa qofaa osoo hin taane, kan biyoota addunyaafi kan Feesbuukii mataadhuma isaati jechuun ibsu Obbo Salamoon.

Akka Obbo Salamoon jedhanitti, dhimmoonni mataa dhukkubbii ta’an dubbii ijoo afur qabu. Inni jalqabaa akka namni irratti cuqaasee banuudhaaf jecha suurawwan nama hawwatan fayyadamuudha.

Kun oduwwan sobaa namoota bebbeekamoo waliin walqabatan tatamsaasuu, oduuwwan jibbinsa, siyaasa, dhimma saal-qunnamtii waliin walqabatan akkaataa kanaan akka rabsaman ibsa.

Barreeffamoonniifi suurawwan dubbii hammeessan akka argaman kaasuun, “Odeeffannoowwan aakkasii walitti bu’insa yaadaawwan qofa osoo hin taane walitti bu’insa qaamaan taasifamu keessallee nama galchuu danda’u,” jedha Obbo Salamoon.

Oduuwwan sobaa mataa dhukkubbii addunyaa ta’uu isaanii kan ibsu Obbo Salamoonkun akka namoonni hedduun sosobamuu danda’aniin qixaa’ee kan dhiyaatu ta’uu ibsa.

Haasawwan jibbinsaafi Feesbuukiin mataa dhukkubbii moototaa ta’uu isaanii kan heeru Obbo Salamoon, isaan kun sanyummaa, saalaafi amantaa irratti fuulleffachuun kan gadi dhiifaman waan ta’aniifi mataa dhukkubbii guutummaa addunyaa ta’aniiiru.

Sababii dirree siyaasaa Itoophiyaarraa kan ka’een, haasawwan jibbinsaafi oduuwwan sobaa sanyummaa, amantaafi saala irratti hundaa’an akka baballatanii mul’achaa jiran ogeessi seeraa Obbo Misgaanaawullee yaada Obbo Salamoon waliin waliif ni galu.

Intarneetii cufuun nama baasaa?

Obbo Salamoonis ta’e Obbo Misigaanaawu intarnetii cufuun walitti bu’iinsa sabaa fi buqa’insa umaman hambisu akka hindandeenye dubbatu.

Obbo Salamoon akka jedhanitti yoo ta’e, intarneetii cufurraa irra caala oduuwwan jibbaa fi sobaa ballinaan kan taamsaasan feesbukiin waan ta’eef, Kubaaniyaa feesbukuu waliin haasa’un barbaachisaa ta’a. Biyyoonni addunya kana raawwatan njiraachusaanii kan eeran Obbo Salamoon, Jarmanii fi Fillippiin akka fakkeenyaatti kaasu.

Biyya ummata mil. 100 olii qabdu keessatti walitti bu’insii umamee tasgabbiin yoo dhibe dhiibbaa inni ardiif qabaatu haalaan karaa sadarkaa mootummaatti kubbaaniyaa Feesbuuk waliin yoo dubbatame dubbiiwwan jibbaa to’achuun akka danda’amu yaada kaasu.

Motummaan itoophiyaa osoo namoota Afaanoota adda addaa dubatan dhiyeessuun kubbaaniyaa feesbuukii waliin walitti dhiheenyaa hojjatee tarkaanfii bu’aa qabeessa ta’e fudhachu akka dandeessisu gorsu.

Gara fuula duraatti filannoon dhufaa jiraachu kan dubbatu oggeessi seeraa kun, refarandamiin Sidaamaas dhiheenyatti gaggeefamuuf yaadachuun, haala siyaasaa keessatti argamnu xiyyeefannaa keessa galchuun intaneetii cufuurraa qamooleen haasaa jibbiinsaa baballisan akka yaada faallaa isaaniin liqimfana irratti hojjachuun caalaa baasa jedhaniiru.

Haalli tarkaanffii cufuu intarneetti akkuma barbaadameetti kan raawwatamu fakkaatan kan jedhan oggeessi seeraa kun, yeroo tokkoos dhimmi ummata balaaf saaxilu yoo umamu ni cufama. Garuu qormaataaf jecha cifuunis jira jachuun taajjabiisaani dubbatu.

Wayita kun raawwatamuttis eenyutu cufa? Teeleedhamoo ykn Ministira muummeeti, ykn mana mane bakka bu’oota Ummataati? Jechuu gaafatu. Dhimma kanarratti qaama murteessu ilaalchise qajeelfamni ifatti kaa’amu qabaata jedhaniiru.

Motummaan nageenya biyyaa fi ummataa eegsiisuun ittigaafatamummaa isaa kan duraati kan jedhan oggeessi seeraa kun, yeroodhuma barbaadeetti ka’ee kan intarneetii cufu yoo ta’e ammo sirni mirga sarbamuu itti to’atamu jiraachu waan hinqabneefu seerrri barbaachisaadha jedhu.

Kiraasaa intarneetii cufuun qaqabu

Ibsa tibbana teeleen baasee irratti, sababii cufamu intarneetiin kisaaraan qaqabuu duubbachuu yaadachuunis, miidhaa dinadgee qabaachu saa Obbo Misgaanaawu ni gorsu.

Dhaabbanni biyya Ameerikaati aragamu tokko qorannoo gaggeesseen akka mulliseetti, biyyi tokko wayita intanrneetii cuftuutti haala guddina dinagdeesheerratti jiddu galaan kisaaraan %1.9 akka qaqabu Obbo Salamoon ni hubachiisu.

Kana malees jedhu Obbo Salamoon, biyyoonni maallaqa arjooman sababii cufamu intarneetiitiin nuffuun yaadasaanii geedarachu danda’u jechuun soda qabu ibsu.

Akkasumas intarneetiin wallaansa waliinis kan walqabatu ta’u yaadachuun, cufamuunsaa akka salphaatti ilaalamu akka hinqabaannee akeekachiisu.

Kana malees biyyattiin fakkii sadarkaa addunyaatti ummattee balleessuun deeebiisee miidhaa qaqabsiisuu akka danda’u himu