Qilleensa siyaasaa tibbanaa irratti warri Tigraay maal jedhaa jiru?Yaya Beshir

Qilleensa siyaasaa tibbanaa irratti warri Tigraay maal jedhaa jiru?
Yaya Beshir
Haala siyaasaa biyyattiin keessa jirtu irratti waan karaa miidiyaa jaraa dudubbataa jiran gidduu kana hordofaan ture. Ilaalchi jiru yoo cuunfamu kan gadii kana fakkaata.

Waldhabdeen mooraa siyaasaa Oromoo fi Amaaraa gidduu jiru jara biratti akka hireetti laalameera. Sabboonummaan Oromoo sirna federaalizmii amma jiruuf utubaa jabaa waan taheef firoomni Oromoo barbaachisaa tahuu hubatanii jiru. Sana malees Amaaraa fi Oromoo gidduutti wal diddaan ho’uun tuttuqaa Amaaraa irraa jara boqochiiseera waan taheef toleeraaf. Haa tahu malee waan hundaa ija shakkiitiin hordofaa jiru.

Waa’ee keenya waan lama adda baasanii hubachuun irraa mul’ata. Gam tokkoon sabboonummaa fi tokkummaan akka ummataatti qabnu sirna federaalizimii tiksuuf tumsa abdachiisaa tahullee, sodaas irraa qabu. Oromoon yoo humnaa fi carraa aangoo cimaa argate waan dabreef nu yakkee nagaa nu dhorkata jedhanii yaadda’uun irratti mul’ata. Kan lammaffaa keessa keenya hubachuu isaaniiti. Wal gaarreffannaa paartiilee Oromoo gidduu qalbiidhaan hordofaa jiru. Hanga ammaatti tokkummaan dhaabota Oromoo milkaahuu dhabuu irratti mirqaana cimaa qabus. Dhaabota kana keessaa gariitti firoomanii waan lama rukutuu yaadu. Tokko diinota federaalismii kanaa cabsuu dha. Kanarratti tumsa Oromoo guutuu akka qabanis beekaniiru. Kan lammaffaa ODP fi hoggana isaanii Abiyyiin taphaan ala gochuun dirree siyaasaa Finfinneetti humna guutuun as deebi’uu dha. Abiyyi amaanaa Oromoon itti kennite salphisuun gara Amaaraatti luucca’uun akka waan yaadan kana dhugoomsuu danda’aniif abdii itti horeera.

Filmaata as deemaa jiru irratti waan mirkaneeffatan 3 ni qabani. Kan duraa, ofii isaaniif akka TPLFitti Tigraay irratti sagalee guutuun ni filamu, kanaafis qophaahaniiru. Kan lammaffaa Oromiyaa keessatti Amaarri ni moohama kan jedhu. Kan sadaffaa, tumsa Oromootiin olaantummaa Amaaraa ofirraa cabsuun federaalismii amma jiruuf waardiyyoomanii Shaggaritti deebi’uun akka danda’amu. Kana kan isaan dandeessisu ammoo sagaleen Oromoon filmaata irratti argatu paartiilee adda addaa gidduutti qoqqoodama abdii jedhu dha. Humni Amaarri ittiin mootummaa tahuuf qabaatu akka cabe eega mirkaneeffatanii booda, garaagarummaa Oromoo keessa jirutti dhimma bahuun muuxannoo siyaasaa bulchiinsaa qabanittis dhimma bahanii ammas masaraa sana keessatti aktara olaanaa tahuu akka danda’anitti of abdachiisaa jiru.

Kun xiinxala osoo hin taane odeessa jiraa (raw information) keessa jaraatii mul’atuu dha. Kana hubatanii waa xiinxalachuun ammoo qooda Oromooti


Seenaa telegram irratti barraahe.

Yeroof dubbii Lij iyaasu asirratti dhaabnee gareen yeroo san finfinnee dhunfatte aakaataa itti oromoota yajjuu angoo irraa itti fageesaniifi ega zawdituun angoo irra dhuftte booda waan isii mudatte haa laalluu.Silaa Bara 1909 gaafa minilik dhukubsate irraa kaassee namnni angoo San dhunfachuu qabu taytuu butul ture.garuu gareen finfinnee dhunfattee jirtu wannii isaan akkaan ofirraa eegaa turan tokko oromoota walloo waan tureef ammaas minilikiif ilmoo waan hin dhaliniifi jachaa dubbiin tayituu butul achumatti Raawatte.bara 1909 irraa hamma 1916ti biyyattii keessa sababaa wal dorgomii angootiif jacha shorarkaa guddoo ture. bara 1916ti gareen finfinnee dhunfattee jirtu biya tasgabeesuufi haala mijeefachuuf jacha zawdituu angoo gubbaa baafte.angoo soba taate malee silaa akka heeratti namnni bakka minilik bu’uu qabu zawdituudha.ilmoon minilik dhugaan dhale zawdituu qofa.shawaragge fi
Asfaw wossen ni guddifate. Shawaragge jachuun hadha Liji yaasutti.haa tahu male minilikiifi haatii zawdituu Abechi yajju ittii fufaa


Mohammednur Guye
Amma kun qeesiidhaa?
Namticha polotikanyaa waannaa abbaa amantii fakkeessanii asiif achi harkisaa oolan waan dubbatu dhageessuu?
Siyaasaa moo amantii irraa dubbachuutu akkana silaa dubbichi isiniif galee dhiiroo?


Breaking news-Mootummaan garboomsaan Alaabaa Oromoo Jaallatee utuu hintaane, dirqamee fudhate. Injifannoon ittuma fufa. Dacheen Oromiyaa #Diimaa Magariisa Diimaadhaan faayamtee oolti. Torban Irreechaa Torban Xiiqiiti. Torban eenyummaati. Oromoon abbaa biyyaati. Alaabaan Oromoo toora alaabaa Addunyaa gidduu nidhaabbatti!
#Viidiyoo bara darbeeti

Alaabaa kanaa fi ayyaana Oromoon ayyaaneffatu adda baasuuf yaaluun gonkumaa hin danda’amu. Alaabaan kun alaabaa ummataa ti. ABOn qabsoo waggaa 40 dura gad dhaabe alaabaa kanaan asxesseetu ummatatti dabarse. Qabsoo ummatatti dabre sanatu jijjiirama kana fide. Kanaafuu alaabaan kun akka har’a dhaabni ABO qoqqoodametti ulfina dhorkamee salphifamee laalamuu gonkumaa hin danda’u. Alaabaan kun irbuu gootota kumoota Oromoo dukkana keessaa baaasuuf kufaniiti. Warra lubbuun jirruufis irbuu keenya. Gaafa jalqaba qabsoof gad baanu alaabaa kanaan kakanne. Hanga lubbuun jirruttis kakuu alaabaa kana qabannee kakanneef amanamuun falmaa itti jirru fufna.

Alaabaan kun asxaa paartii siyaasaa jedhamee masaanomfamuu hin qabu. Alaabaa tokko itti abboomee kaan lagachuu danda’us miti. Warri sabboonummaa himachaa alaabaa kana waliin lola qabdan yoo jiraattan araaramaa. Alaabaa kana ulfeessuuf dirqamatti alaabaa masaanuu waliin morka seenuus nun barbaachisu. Eenyummaan ofii morkaan jiraatee morkaan hin dhabamu. Umama waan taheef hanga abbaan jirutti waliin jiraata. Alaabaan kunis Oromoodhaaf akkasuma. Kanaafuu ayyaana Irreechaas tahee ayyaana Oromoo kamuu irrattuu qaamni alaabaa kana dhorkuu kajeelu yoo jiraate of dararuu haa dhaabu.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.