Wareegama guddaa qabsoo sabboonummaa Oromoon (Oromo national struggle) kafalameen Oromia argame

Wareegama guddaa qabsoo sabboonummaa Oromoon (Oromo national struggle) kafalameen Oromia argame irratti muudamanii jiraachaa Sabboonummaa Oromoo xiqqeessuu fi yakkuu yaaluun fafa.

Deressa E. Geneti tin, Ebla 27, 2019

PM Abiy’s grand roadmap is to destroy Oromummaa (sabboonummaa) and reinstate Amharummaa (one nation, one language, one culture, one history, etc.). The implementation of the roadmap started with encamping or destroying Oromo Liberation Army (WBO). When that proved to be difficult road, he is, now, jumping to either destroy or weaken Oromo cultural centers, Oromo statues like Anole, Chelenqo, etc. In the meantime, the roadmap has already inflicted heavy toll to OPDO, high ranking of Oromo nationalists got removed, example Lema and Tayiba

Biyyoota sabaa fi sablammiin adda addaa keessa jiraatan hundumaa keessatti rakkoonn hacuccaa eenyummaa irratti xiyyeeffate bakka hedduutti mul’atee jira. Bakka hundumaatti jaarmyotii siyaasaa sabaa fi sablammii hundumaa hammatan ijaaruun qabsoo gochuun bakki itti hinyaalamin kan jiru natti hinfakkatu. Kan nama gaddisiisu rakkoon enyummaa irratti xiyyeeffate garuu bakka hundumaatti jechuutu dandayama, waloodhaan akka biyyoolessaatti qabsaa’uudhaan furmaata  argamsiisuutti hinmilkoofne. Kanaafuu Sabboonummaan (Nationalism) addunyaa keenya kana bakka hedduuttuu dhalachuu dandaye. Osoo hacuuccaan mirgoota dhala namaa hundumaa irratti xiyyeeffate(rakkoo eenyummaa dabalatee) falmaa mirgoota dhala namaaf akka waliigalaatti godhamuun hiikaa argachuu dandayee jiraatee, miirri sabboonummaa /eenyummaa/sabummaa  irratti  hundaahee sababi mul’atuufuu hinjiru ture. Kanaafuu sabboonummaan dahalatee mul’ates. Hacuuccaan eenyummaa irratti xiyyeeffate amma jiraatetti sabbboonummaan jaallatanii jibbanii ni jiraata jechuu dha.

Biyyi rakkoon ykn cunqursaan eenyummaa irratti xiyyeeffatu keessatti dagaagee jiru, eenyuuf biyya taha, yoo sirna cunqursaa fi warra cunqursu saniif tahe malee.  Ummatni sababa eenyummaa isaatiif hacuccaan irratti geggeeffame, gaafa hacuuccaan kun irraa dhaabbate, biyya qabaata. Gaafa biyya argatee qabaate dhimma biyya ijaaruutti luucceffata. Hacuuccaan eenyummaa irratti xiyyeeffate ummatoota Oromoo dabalatee, ummatoota cunqurfamoo biyya Itiyoophiyaa keessa jiraataan hundumaa irratti waggootii hedduuf kan geggeeffamaa ture maqaa biyya ijaaruuni.

Walumaa gala Hacuuccaa eenyummaa irratti xiyyeeffate qabsoo falmaa mirga namootaatiin  hikuuf Itiyoophiyaa keessatti waggootii 50 ol dabran tattaaffiin hingodhamin hinturre. Jaarmiyoleen siyaasaa maqaa biyyoolessaan ijaaramaan hedduudha. Tokkon isaaniitu rakoo hacuuccaa eenyummaa /sabummaa irratti xiyyeeffateef garuu furmaata fiduu hindandeenye. Kanaafuu qabsoon sabboonummaa (National struggle) jalqabe. Jalqabuu callaa osoo hintaanee, furmaata hedduus argamsiise. Fakkenyi guddaan qabsoo bilisummaa Oromooti. Qabsoon Bilisummaa Oromoo qabsoo Sabboonummaa Oromooti. Qabsoon Bilisummaa Oromoo jireenya biyya Oromia mirkaneessuudhaan, Oromoon har’a eenyummaa isaa fi jireenya isaa sadarkaa ol’aanaatti mirkaneessee jira. Addunyaa irratti dhagahamaa jira. Sabboonummaan biyya ijaaruu akka gaariiti danda’a. Biyyoota addunyaa kana irra jiran bakka hedduutti qabsoon sabboonummaa biyya ijaaree jira. Biyyi Eritrea olla keenya jiru qabsoo sabboonummaa (national struggle) geggeessee biyya ijaarratee jiraachaa jira. Biyyoota Balkaan keessatti kan godhame qabsoo sabboonummaati. Har’a biyyoti meeqa ijaaramanii akka jiran argaa jirra. Qabsoon Sudaan Kibbaa qabsoo sabboonummaati. Biyyatu ijaaramaa jira. Qabsoon sabboonummaa qabsoo biyya diiguu miti. Qabsoo mirga falmannaati. Qabsoo sabboonummaan mirga eenyummaa kabachiifannaan biyya ijaaruu irraa kan nama hanqisu hinjiru. Eenyummaan hacuucamuu jalatti mirga dhala namaa hedduutu hacuucama. Adda addummaan yaadaa sabboonummaa jala qofaatti miti kan rakkoon mudatu. Adda addummaan yaadaa kan kabajamuu dandayu bakka hacuuccaan bifa hundumaa dhaabbate qofaatti.

Dubbii ODP dhimma sabboonummaan wal qabsiifnee yeroo kaafnu waan hedduu nu yaadachiisa. ODPn kun maqaa kan jijjiirrate dhihoodha. San dura OPDO jedhamee waamamaa kan ture maquma Oromoon ijaaramee, Oromiyaa bulchaa ture. Ummatni Oromoo garuu sababa OPDOn sabboonummaan Oromoo ukkaanfanfame jechuudhaan waggooti kana hundumaa mootummaa OPDOn qooda keessaa qabu irratti qabsaahaa har’a gahe. Akkasumas erga mootummaan nugusaa kufee booda bara mootummaa Dargii gara jalqabaa jaarmiyolee ijaaramanii turan keessaa tokko MESON (AESM)/All Ethiopian Socialist Movement. MESON jalatti gartuu/jaarmiyaa Oromoo OBDN/ONDM (Oromo National Democratic Movement) kan jedhamu kan Dr. Haile Fidaafaan ijaarametu ture. Sabboontotni Oromoo garuu jarmiyaan sun meeshaa warra alagaa tahee sabboonummaa Oromoo ukkamsa jedhanii diduudhaan ABO ijaaranii gadi jabeessuun qabsoo sabboonummaa itti fufan.

Dubbiin ODPiin sabboonummaa Oromoo akka ukkaamamu godha jedhamee ka’aa jiru kunis ijuma Kanaan ilaalamuu dandaya. ODPn jaarmiyaa mirga Oromoof falmu ajaa’ibaa natti hinfakkaatu. Qabsoo ummataa dura dhaabbachuu dadhabee tooftaa jijjiirrachuu qofatu adda isa godha. Tooftaa jijjiirratanii aangoo mootummaa  isaan duraa raafamee ture, tooftaadhaan erga suphachuu jalqabanii garuu sabboonummaa Oromoo xiqqeessuu fi dadhabsiisuuf waltajjii hedduu irratti hooggantootni isaanii ol’aanoon dedeebisanii dubbachuudhaan ummata Oromoo waliin walit bu’aa jiran. Adeemsa kana yoo hinwoyyeeffanne haala woyyaanoota kophxeesseen darantu isaan mudachuuf taa’a.

Kanaafuu Oromia wareegama qaqqaalii qabsoo sabboonummaa Oromoon mirkanaa’uu dandaye irratti muudamanii jiraachaa sabboonummaa Oromoo xiqqeessuu fi yakkuu yaaluun fafa.