Yaadannoo Warraaqsa Uummata Oromoo

Abdii Boruutiin

Akkuma beekamu fi yaadatamu, warraaqsi uummata Oromoo Sadaasa 12 bara 2015 handuura Oromiyaa Jalduu keessatti dhoowee kunoo waggaa tokkoof deemaa jira. Asirratti wanti hubatamuu qabu, akka waliigalaatti, Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) kan jalqabe waggaa tokko yookaanis waggoota kudha-tokko yookaanis ammoo waggoota muraasa duraa miti. FDGn kan calqabe bifa adda addaatiin haa ta’u malee guyyaa uummatni keenya gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee akka ta’e waan dhara ta’uu miti. Kan amma deemaa jiru kun garuu bifa qindaayeen kan deemaa jiru sochii biyyoolessaa waan ta’eef, sochii diddaa gabrummaa qofaa otuu hin taane, warraaqsa xumura gabrummaa ti. Kanaafuu, Fincila Diddaa Gabrummaa jechuurra Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) yoo jedhamu kun sirrii dha.

Haa ta’u malee, jechootni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhaman kun kan uumamani fi ittifayyadamuun kan jalqabe bara 2005 akka ta’en yaadhadha. Kanaafuu, warrii yaadannoo finicilli diddaa gabrummaa waggaa 11ffaa jedhanii dubbatan ykn barreessan hin dogoggorre jedheen yaada. Kan ta’es ta’u, wanti guddaan nuti yaadachuu qabnu gootota keenya kan diddaa gabruummaas ta’ee xumura gabrummaa kana keessatti wareegamanii fi wareegama adda addaas kaffalaa jiraniif ta’uu akka qabuu dha. Har’a yeroo warraaqsi uummata keenyaa biyya keessatti akka ibiddaa boba’aa jiru kanatti; diinni hamaan hanga funyaaniitti hidhate kun, maqaa “Labsii Hatattamaa” jedhuun yoomiyyuu caalaa uummata keenya reebaa, hidhaa, ajjeesaa fi qabeenya isaanii saamaa jiru kanatti; yeroo uummatni keenya Oromiyaa keessatti wareegama ulfaataa kaffalaa jiru kana keessatti, nuti warri biyya alaa jirru maal godhaa jirra?

Maaliif gaafii kana kanan kaaseef sababa adda addaan qaba. Duraan dursee garuu, Oromootni karaa danda’ame hundaan carraaqqii walirraa hin cinne godhanii; warraaqasa uummata keenyaa kanaaf gargaarsa ta’an dirqama Oromummaa bahaa waan jiraniif galanni isaanii injifannoo uummata Oromoo haa ta’un jedha. Haa ta’u malee, dhugumatti garaa qulqulluudhaan wal haa gaafannu yoo jenne, Oromootni biyya ambaa jiraatan gumaacha gahaa gochaa jiruu? Gaheen isaan taphachaa jiran hunduu warraaqsa uummata keenyaa kanaaf tumsa ta’uu danda’aa? jennee gaafiilee kana yoo kaasne, deebii quubsaa argachuu akka hin dandeenyen amana. Kanaafan sababaalee adda addaan qaba jedhe. Isaan kanas tokko tokkon ibsuun yaala.

Tokkoffaa, yeroo ammaa yeroo uummatni keenya biyya keessatti kaabaa-kibbaan; bahaa-lixaan; jiddugaleessaan; keessaa fi alaan tokkummaadhaan ka’ee waliif mirmachaa jiru kanatti, har’allee haala ulfaataa ta’e kana keessatti gandaa fi naannoodhaan walqoqqooduu yaaluu fi olola akkanaatiin diinaaf qaawwa baasuun ykn balbala banuun warraaqsa kanaaf tumsa ta’uurra isatti gufuu ykn danqaraa akka ta’u hubachuun nama hin rakkisu. Gochaa qaanessaa akkanaatiif ammoo waan namootni Facebook irratti godhaa jiran ragaa quubsaa ta’uu danda’a. Asirratti gaafiileen sammuu kiyya keessa deddeebi’an: Namootni akkanaa kun dhugumatti waan yaadani fi dubbatan beekuu, hubatuu? Waan isaan haasa’an kun bu’aa caalaa diigumsa akka fidu hubatanii jiruu? fi kkf. Jarreen akkanaa kun, ittiin beekamuu fi ofbeeksisuuf yoo ta’e malee bu’aa ololli akkanaa kun qabu natti hin mul’atu.

Lammaffaa, har’a abbaan fedhe jaarmayaa kamuu haa qabaatu; miseensa kamiituu haa ta’u ykn haa deeggaru haa dhiisu; yeroo tokkummaadhaan uummata keenyaaf sagalee fi tumsa ta’uun barbaachisaa ta’e kana keessatti kun abalu sun abalu jechaa walqoqqooduun ykn olola walirratti oofuun amma yeroo isaatii miti. Akkuma dure barame sana jaaramayoota Oromoo addaan qoqqooduuf; akka tokkummaan hin uumamne gufuu ta’uuf, kun Shanee, kun Gantuu/Galtuu, sun abalu, … jechuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Shanee, Jahee, Torbee, Bitee, Mirgee, …. jedhanii waan Oromoof hin tolle lallabuun diinaaf malee uummata keenyaaf nu Oromoota hundaafuu bu’aa hin qabu. Rakkoo kana keessatti uumamuun kan miidhamu hunda keenya akka ta’u hubachuu qabna. Asirriit wanti hubatamuu qabu jaarmayootni keenya hundi isaaniituu dadhabbina ykn laafina akka qaban beekamaa dha. Haa ta’u malee, sirnaan qeeqanii dadhabbina isaanii akka fooyyessan gorsuu ykn yaada ijaaraa ta’een gadi bahuu dha malee olola diinni ittifayyadamuu danda’u afarsuun bu’aa hin qabu.

Sadaffaa, qindoomina warraaqsa biyya keessaa ilaalchisee, hunduu beekaa fi abbaa itti ta’uu yaalu. Yeroo ammaa wanti hubatamuu qabu, akka ilaalcha kiyyaatitti, abbaan fedhe haa qindeessu; abbaan fedhe duuba haa jiraatu; Wayyaanee barbadeessanii; sochii uummata keenyaa kana injifannoo barbaadamutti geessuuf humna waliif ta’anii tokkummaadhaan hojjechuu dha malee, warraaqsa kanarratti walsaamuu fi uummata keenya afaanfaajjesuun bu’aa hin qabu. Sochii kana laaffisa malee cimsuu ni danda’a jedhee hin amanu. Dubbiin tun akka makmaaksa Oromoo “Allaattiin foon lafa jiruu dhiistee samiirratti walnyaatti” jedhuu ti.

Afraffaa, mariilee fi yaa’iilee yeroo ammaa bakkee adda addaatti godhamani fi godhamaas jiran ykn godhamuuf deeman ilaalchisee, yaadolee waliin mormani fi waldura dhaabbatantu mul’achaa jiru. Asirrattis akkuman qabxii sadaffaa jalatti tuqe, nutu caalaa beeka; kiyyatu wayya jechuuf ta’eeti moo ammas yaalii kana keessatti walsaamuuf ta’ina laata? Moo dhugumatti kaayyoo dhokataatu duuba jiraa? Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, ittibahinsi isaa waanuma fedhe ta’ullee, Oromoon shanis ta’ee dhibba ykn kuma ta’anii walarganii waayee dhimma uummata keenyaa waliin yoo mari’atan rakkoon isaa maali? Ittibahinsa isaa otuu hin beekne maaliif dursinee gufuu walitti taana? Dhugaa dha, sochii (warraaqsa) uummata keenyaa kana gara hin taanetti jallisuuf yaaliin akka hin godhamne asirratti ofeeggannoo cimaa barbaachisa. Akka kun hin taane garuu me dura obsaan eeguu wayya jedheen yaada. Waraqaan (document) tokko yoo gadi bahe hanga uummatni bal’aan Oromoo hin fudhannetti hojiirra ooluu silaa hin danda’u. Kanaafuu, dursinee maaliif gufuu walitti taana?

Egaa, barreeffama kiyya gabaabsuuf, Yaadannoo Warraaqsa Uummata Oromoo kana keessatti yaadannoo guyyaa qofaa otuu hin taane, gootota keenya kan yeroo kamiiyyuu wareegaman; akkasumas wareegama ulfaataa kaffalaa jiran yaadachaa; garuu hunda caalaa kaayyoo isaan itti wareegamaniif galii barbaadamuutti geessuuf, Oromoon hunduu dirqama Oromummaa beeknee, karaa danda’amu hundaan gahee keenya taphachuu fi qooda keenya gumaachuu qabna malee, yeroo ammaa gufuu walitti ta’uu fi walsakaaluun; olola walirratti oofuun diinaaf karaa baasa malee Oromoof bu’aa hin qabu.